Nehemiah 1:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma kad'acha tiyyaafi ta hojattu tanteeti, ta si sodaatu, ch'aqasi, arra naa eebisi, hayyicha naa naasisi. Anini gaafasi nama hayyicha daad'iini gololchu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gooftaa kiyya! kadhaa garbicha keetiitii fi kadhaa garboota maqaa kee sodaatanii dhagayi; yabo'oo adha ana garbicha keetii qajeelchi; garaa mootichaa naa laaffisi.» Ani hennaa kana nama mooti'iif daadhii kennu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Gootta'a, gurri keeti daadimata ana tajaajilaa keetiitii fi daadimata tajaajiltoota teeti worra maqaa keeti ulfeessiisatti gammaduu dhage'uu ti. Mootichi kun akka naa mararu godhiitii, adha tajaajilaa keeti milkeessi!» jedhe. Yennaa san, ani nama mootichaaf daadhii dhikeessu.