Nehemiah 1:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleesi kiyya toko ka Hanani jed'ani, jara d'ibi woliini Yudaa d'ufe, duuba anini waan Yerusalemutifi waan gosa Yahudi ta eegi boojiani lafa Babiloni geesani gagalte odeefad'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
obboleewwan kiyya keessaa ka Ananii jedhamu tokko namoota biraa woliin Yihuuda'aa gara kiyya dhufe. Anillee waan worra fayyanii, waan worra achi jiranii ka boojuu irraa hafanii, waan worra Yihuuda'aatii fi waan worra Yerusaalemii isaan gaafadhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
obboleeyyan tiyya keessaa tokkochi, Haanaan, jara takka woliin Yihudaa irraa dhufe; anille marroo Yihudoota worra adoo hin booji'amin achitti hafee lubbu'uun jiruu fi marroo Yerusaalemii isaan gaafadhe.