Nehemiah 10:31 — Compare Translations

2 translations compared side by side

Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa sambataatiin worri Yihuudii hin taane mi'a daldalaatii fi midhaan adda addaa gurgurachu'uuf yoo dhufan, guyyaa sambataa yookaan guyyaa woyyu'uun, woma tokkollee isaan irraa hin bitannu, daraaraa woggaa torbeesso'ootii fi liqaallee isaanii dhiifna» jedhanii kakatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti biyya sanii meya daldalaa yookiin midhaan gurguriisaaf, gaafa Sanbataa yoo fidane, gaafa Sanbataa yookiin guyyaa jilaa dhibiille, nuuti isaan irraa hin binnu. Woggaa torbeesso'ootitti fichaa bulchinee foorfachiinna; liqaa maralle hin lakkinna.