Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunille daabboo Waaqaaf kennantuuf, kennaa midhaanii ka guyyaa guyya'aan dhikaatuuf, kennansa ciinca'aa ka guyyaa guyya'aa dhikaatuuf, guyyaa Sanbataatiif, baatii ji'ootaatiif, guyyaa jila beekkamaneetiif, kennansa woyyichaa fi kolbaa Israa'eliitiif araara buusiisaaf ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaattu, hujii mana Waaqa keennaa keessatti hujantu maraaf ka te'u.