Nehemiah 10:37 — Compare Translations
2 translations compared side by side
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Midhaan galfannu keessaa dura, daraaraa muka maraa, woyini'ii fi dhadhaa ejersaa gara gola mana Waaqaa keennaa ka gadoonni jiranii fidu'uuf, Leewwonnillee maasaa qachaa keennaa keessaa waan kurneessoo fudhataniif, waan lafa qonne keessaa arganne gara Leewwotaa fidu'uuf kakanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Itti daballeelle bukoo midhaan keennaa ka qaraa irraa, kennaa midhaan keennaa irraa, midhaan mukaa mara irraa, daadhii woyni'ii haareya irraa, zayitii ejersaa irralle'ee hayyootaaf akka te'anu, Galma Waaqa keennaa keessatti addee meen itti galfamutti geessina; qachoota nuuti keessa hunyu marattuu kudhan keessaa tokko worri guuru Lewwoota waan te'eef, kudhan keessaa tokko midhaan keenna Lewwootaaf geessina.