Nehemiah 10:38 — Compare Translations
2 translations compared side by side
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa worri Leewwotaa kennaa kudhan keessaa tokko fudhatan, ilmi Aaroonii gadichi worra Leewwotaa bira haa ta'uu; worri Leewwotaallee hennaa kennaa kudhan keessaa tokko argatan waan argatan san keessaa harka kudhanii keessaa tokko gara gola mana Waaqa keennaa gara hulee meeshaan mana Waaqaa jiruu haa fidanii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa Lewwooti kudhan keessaa tokko kana fudhatanu, hayyichi sanyii Aaronii isaan biratti dhaggama; worri Lewwootaa ammoo kudhan keessaa tokko ka guurane san keessaa, kudhan keessaa tokko gara Galma Waaqa keennaa fidanee addee meen itti galfamutti galchan.