Nehemiah 11:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mataniani ilma Mika, Mikaani ka Zabdi, Zabdini ka Asafu. Inni nama sirbitu Mana Waaqa, ta sirba galata Waaqa deebisanini sirbituti mataa. Bakbukia, ka Matania qarqaaru. Ammalle Abda ilma Shamua, Shamuani ka Galali, Galalini ka Yeduthuni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa faate'ee bulchaan worra galata dhiyeessanii ilma Asaafii, ilma Zabiidii, Mataaniyaa ilma Miikka'aa, obboleewwan isaa keessaa Baqibaqaarii nama lammeesso'oo, ilma Edootaamimii, ilma Galaalii fi Abdiyaa ilma Saamusii,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mataaniiyaa ilma Miika'aa, akaakoo Zabdii, sanyii Asaafii, ka daadimata leellisaa faaru'uun faarfattoota Galma Waaqaa sooresse. Gargaaraan isaa Baqbuqiiyaa; Abdaan ilma shamu'aa, akaakoo Gaalaalii sanyii Yedutuu ti.