Nehemiah 11:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guddaani, worra Lawi ka Yerusalemu keesa tau, Uzi ilma Baani, ka ilma Hashatia, ka ilma Matania, ka ilma Mika. Inni balbala gosa, Asafu, ta huji sirba Mana Waaqa harkaa qabdu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Faarfattoonni hujii mana Rabbii irratti argaman gosa ijoollee Asaafii keessaa Ilma Miikka'aa, ilma Mataaniya'aa, ilma Hashaabiya'aa, Oozii ilma Baani Yerusaalemiin keessatti bulchaa Leewwotaa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Toowataan Lewwootaa ka Yerusaalem keessa le'e Uzii ilmi Bunii, akaakoo Hashabiiya'aa ti. Sanyiin isaa Mataaniiya'aa fi Miikaa sanyii Asaafii, worra dur itti gaafatantoota faarfannaa Galma Waaqaa keessaa te'ee ti.