Nehemiah 12:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan nama worra Lawitifi ka qaaloleeti mata ka t'aafani, olkayani. Nami gaafasi qaalole gugurdo worraa kana: Eliashibu, Yoyada, Yonathani, Yadua. Waan kana, gaafa Darioni hayyu Ajemi t'aafani hobaasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara gadoonni Eeliyaaseeb, Yoo'aadaa, Yohaana'aa fi Yaadu'aan fa'a jiraatan galmeen maatii gadootaatii fi ka worra Leewwotaa qophaayee ture. Gadoonni isaanii bara mootii Daariyoosii nama gosa Faarisii galmeeffaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara Eliyaashaab, Yoyaadaan, Yohaannaanii fi Yaaduwaan hayyoota gugurdoo te'aneeranutti, galmeen sooreyyii fira Lewwootaatii fi sooreyyii fira hayyootaa tun, bara Daariyos mooticha Faaresii te'eerutti galmeeffante.