Nehemiah 12:31 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini jaarole Yuda naabo suni gubbati wolti yaame, gumi guddo muumme inqamne, ta fulla lama yaate dira sunini marte sirbite galata Waaqaa deebiftu mataa tolche. Gumiini qara mirga qajeelte, naabo gubba gara Fullo Huura yaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani Nahimiyaan bulchoota biyya Yihuuda'aa dallawa irra isaan baase, worra galatoonfatanillee garee lamaan gugurda'aan isaan dhaabsisee, gareen tokko dallawa gara bita'aatiin gara hulee balbala kosiin itti gatamuu dhaqan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ani Nahimiyaan sooreyyii Yihuda'aa dalleya irratti akka bayanu godhee, golii gugurdoo lamatti qoodee Waaqaaf galata galchaa qachaa akka naannowanu godhe. Goliin qaraa harka middaatiin dalleya irra gara karra, «karra kosi'ii» jedhantu dhaqane.