Nehemiah 12:36 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isale worra balbala isaati iti aana — Shemaya, Azareli, Milalai, Gilalai, Maai, Nethaneli, Yuda, Hanani worri kunini ch'ufti miha sirba ka miha duri hayyu Daudini namichi Waaqa kaani fakaatuni sirba. Namicha Ezra jed'ani ka waan seera beekhu kaaniti gumi tana dura deema.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleewwan isaallee Shamaayaa, Eziri'eel, Miilaalaayi, Giilaalaayi, Ma'aayi, Naatinaa'el, Yihuudaanii fi Aanaan meeshaa faaru'uu ka Daawitii nama Rabbii qabatanii deeman; Izraan seera barreessullee isaan afo'otti deema'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle sanyiin Zakaariyaasii: Shemaa'iyaan, Azaari'el, Milalaayi, Gilalaayi, Nataani'el, Yihuda'aa fi Haanaan, meya ittiin faarfatanu ka akka Daawitiin nama Waaqaa faarfatuu qabatanee isa gula deemane; barsiisaan Seera Muuse'ee Izraan isaan sooresse.