Nehemiah 12:43 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya suni sorio heddu qalani, biyyitileeni guddo gammadde, waan Waaqi worra gammachiisefi. Nad'eenifi ijoolleleeni gammadde, lalabde, sirbite, qonqo worraa fagole d'agayani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan Rabbi guddisee isaan gammachiiseef guyyaa san ciincaa guddaa dhiyeessan, guddisanii gammadan. Dubartoonni isaaniitii fi ijoolleen isaaniillee guddisanii gammadan. Wony'i gammachuu Israa'elii fago'otti dhagayama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa san Waaqi waan guddoo isaan gammachiiseef, kolbaan gammadaan guutantee, woreega hedduu kennite; dubartootii fi ijoolleelle gammadde. Shookkessi gammada isaanii qachaa Yerusaalemii irraa fago'otti dhage'ame.