Nehemiah 12:44 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi fulla waan Mana Waaqati baasani iti olkayani qooda Waaqa baasani taanaani, mid'aani oobrutifi mid'aani mukha ka qara bilchaata ka ganna ch'ufa Waaqaa baasani taanaani, nama eegu ka mataa iti tolchani. Worri suni qooda mid'aani, ka Seera, gula qaaloleefi worra Lawiti baasani, oobru d'aatu diraa jirtu keesaa guure olkayuu male. Worri Yuda ch'ufti waan qaaloleefi worri Lawi tahe ch'ufa iraa gammade,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin Yihuuda'aa tajaajiltoota ufii gadootaa fi Leewwotatti waan guddisanii gammadaniif, gadootaa fi Leewwotaaf gayee isaanii isaaniif akka qopheessaniif, akka seeraatitti qachoota keessaa daraaraa lafa qonnaa akka isaaniif wolitti qabaniif, kennaa ciinca'aa ka dhiyaatuu fi kennaa hangafaa, kudhan keessaa tokko irratti, manniin meeshaa keessa kaayan maraa irrattuu namoota muudan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyuma san namooti mana meyaa ka kennansi kennamu, midhaan mata'aatii fi kudhan keessaa tokko itti kuufamu irratti itti gaafatantoota akka te'anu muudamane; namooti kun akka Seeraatitti hayyootaa fi Lewwootaafille qooda kennamu, fichaa adaala qachoota isaanii jiru irraa mana kuusa'aatitti wolitti qabiisaafille itti gaafatamummaa qaban. Kolbaan Yihuda'aa martinuu hujii hayyootaatii fi Lewwootaatitti gammadde.