Nehemiah 12:47 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara Zerubabelitifi ka Nehemia, worri Israeli ch'ufti guyya ch'ufa wo baase, waan worri baase sunini sirbitu Mana Waaqatifi jara Mana Waaqa eeguni gololchani. Biyyiti worra Lawiti qooda worraa kennite, worrileeni qooda qaalole qaalolee kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Israa'elii maruu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiya'aa gayee worra faarfatuutii fi ka worra balbala eeguu guyyama guyya'aan isaanii kenna'aa turan. Waan woyyoome worra Leewwotaatii kennan. Worri Leewwotaallee waan argatan ka woyyoome san irraa fiixaa Aarooniitii kennan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara Zerubaabeliitii fi Nahimiya'aa Israa'elooti marti faarfattootaa fi eeddota karraatiif qooda isaanii guyyuma guyya'aan hin kennan. Kolbaa Lewwootalle'eef qooda isaanii kennaa turane; Lewwootille waan qooda ifii irraa hayyootaaf hin kennaniiyyu.