Nehemiah 13:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara suni anini worra Yuda ka guyya Sabato zabibu ch'ach'arase mid'aanifi daad'ifi zabibufi odafi waan d'ibile harreleti fae Yerusalemu geesu arge; duuba anini worra gorse waan jed'eeni, guyya Sabato woma ingurgurina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyoota sanniin keessa biyya Yihuuda'aatitti namoonni ka guyyaa Sambataatiin ka hulee daadhii woyini'ii itti cuunfan dhiitan, worra gaalee woyini'ii, muka hurbu'uutii fi ba'aa adda addaa harriin ufiititti fe'anii gara Yerusaalemii fidan arge; kanniin maraa guyyaa Sambataatiin gara Yerusaalemii fidanii akka hin gurgurre isaan seere.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara san kolbaan Yihuda'aa guyyaa Sanbataatiin woynii cunfanuun, midhaan galfatanuun, unkuruura woyni'ii, midhaan woyni'ii, midhaan harru'uutii fi fe'iisa adda addaa guyyaa Sanbataatiin gara Yerusaalemii fidaneeranuun dhagge. Tanaaf ani yennaa san sagalee akka hin gurgurre isaan dhoogge.