Nehemiah 13:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi anini seera baase, galgala, hojja ayyaani Sabato, maru ch'ufa balbala diraa ch'ufad'a, haga Sabatoni dabartuti imbanina, biyyaani jed'e. Ammalle anini jara kiyya haga toko fulla fullo ch'ufa kaye, guyya Sabato waan tokole nami armaani oliinseeniini, jabeesa eega jed'eeni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa jala bultii Sambataatitti hennaa lafti galgalaawu, balballan qachatti'ii akka cufamanii fi uduu Sambanni hin lufin akka hin banamne ajaja isaaniif kenne. Guyyaa Sambataatiin fe'aan kamuu akka gara qachatti'ii hin seenne ijoollee teenna keessaa namoota hedduun qachattii eessise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sanbati boru jedhaa, aduun dhiitee dimimmitteen, karri Yerusaalemii akka cufantuu fi haga Sanbati dabarutti akka hin bananne ani ajaje; guyyaa Sanbataatiin fe'iis tokkolle akka ol hin seenne, tajaajiltoota tiyya keessaa garii karra karra irra dhaabbachiise.