Nehemiah 13:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akasi jed'anifi worra Amonitifi ka Moabuti duri, gaafa worri Israeli lafa Misiri keesaa bahe, sagaleefi bisaani d'owate, Baalamu beese kenne, kooti, worra Israeli abaari jed'eeni; ammo Waaqi keenna abaarsa suni garagalche eeba tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti ajanyi kun kennameef worri Israa'elii hennaa biyya Misiriitii bawu, worri gosa Amooniitii fi worri gosa Moo'aabii bisaanii fi midhaan waan dhooggatanii fi Bala'aam akka isaan abaaruuf waan isaanitti bitaniif. Garuu Waandhi keenna abaarsa gara eebbaa deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Amooniitii fi Mo'aabii, karaa biyya Gibxi'ii irratti sagale'ee fi bisaan kolbaa Israa'eliitiif kennuu irra, Bala'aam beese'een bitanee akka kolbaa Israa'elii isaaniif abaaru waan godhaneef, ajaji kun kenname. Te'uu malee, Waaqi keenna abaarsa eebbatti jijjiire.