Nehemiah 13:26 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jed'eeni, Nami Solomoni duri ch'ubbu keesa buuse nad'eeni gosa d'ibitiniti? Gosa d'ibi keesa hayyuuni aka isaa tokoleeni injiru, ka Waaqi isa jaalate hayyu worra Israeli ch'ufa isa tolche; ammo inni garagale ch'ubbu akasi suni tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Israa'elii Solomoon waan kanaan cubbuu hujeemii? worra Yihuudii hin taane jiddu'utti mootiin akka isaa hin argamne. Inni Waaqa ufii biratti guddisee jaalatamaa ture. Rabbillee biyya Israa'elii maraa irratti isa moosisee ture. Isallee dubartoonni ormaa hin dogoggorsaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani isaaniin, «Mootiin Israa'elii Solomoon cubbuu ka huje fuudha akkasii kanaanii motii? Gosa biyya adda addaa keessaa mootiin akka isaa hin jiruuyyu; Waaqi isa jaalatee, Israa'el mara irratti isa mootonse; te'uu malee, dubartooti ormaa ta inni fuudhe isaayyuu akka cubbuu huju godhane» jedhe.