Nehemiah 13:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni Tobia qarqaare, mana gudda sila waan Waaqaa baasani keesati olkayani kenneefi, wonti baasani qara duri mana suni keesati olkayani tana: mid'aani, hit'aana, miha Mana Waaqa keesani hojattani, waan qaalolee baasani, qooda mid'aanitifi daad'i, d'ad'a ka worra Lawitifi sirbitufi worra Mana Waaqa eeguu baasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
worra Leewwotaa, worra faarfattootaatii fi worra balbala eeganiif kennaa midhaanii, kennaa hixaanaa, meeshaa adda addaa, daadhii woyini'iitii fi kennaa midhaanii, kennaa kurneesso'oo ka midhaaniitii fi ka dhadhaa ejersaa, kennaa ciinca'aa ka gadootaaf ta'u ka gola keessatti qopheessan akka seera isaanii kennameetitti qopheesseefii ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni kolloo badhoo, ta dur kennansi midhaanii, kennansi hixaanaa, mey Galma Waaqaa, kennansi midhaanii ka kudhan keessaa tokkoo, daadhiin woyni'iitii fi zayitiin Lewwootaaf, faarfattootaaf, worra karra eeguufille kennamu akka keessa keyamu yaadamee hujame, akkasuma kennansi hayyootaaf kennamu keessa keyamu, Xobiiya'aaf kenne.