Nehemiah 2:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya toko, jia Nisani jed'ani keesa, gannuma diddameeso ka hayyu Artashartani lafa mohate, anini daad'iini isa gololche. Inni taka ana gammada inqamne ingarre,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara mootichi Arxeeksis mooye woggaa diddameesso'oo ji'a Niisaaniititti hennaa daadhiin woyini'ii isa afoo ture, ani daadhii lafaa ol fuudhee mootichaa kenne; achiin dura garuu isa afo'otti gadda tokko malee jiraata'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Artashaastaan mootii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, ji'a «Niisaan» jedhamu keessa, yennaa daadhiin woyni'ii isaaf qophootte, ani daadhii woyni'ii fuudhee mootichaaf kenne. Ani duraan isa duratti gaddee hin beekuuyyu.