Nehemiah 2:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaaroleeni dira suni nami tokoleeni, ka fulla anini deemefi waan anini tolche beekhu, injiru. Anini haga ammalle takaa nama gosa Yahudi tokole waan kana iti inhimne — qaalole taanaani, jaarole taanaani worra gugurdale taanaani, nama tokole ka sila huji suni hojatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri baallii qaban garuu ani eessa akka dhaqee fi maal akka godhe hin beenne. Sababaan worra Yihuudi'ii, gadoota, worra bulchootaa, worra baallii qabanii fi worra hujii hojjata'aaranitti waan hin himneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qondaallan eessa akka ani dhaqeeru yookiin maan akka ani hujiisatti jiru hin beenne; Yihudootatti, hayyootatti, worra gugurda'atti, qondaaltota, namoota dhibii worra hujii huju'uu jirulle'etti hin hinne.