Nehemiah 2:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini waan jed'eeni, Waaqa gubbati nu eebise nu qarqaara, duuba nu hojattuuni isaaleeni kaane jaara. Ammo isani waan tokole Yerusalemu keesaa inqabdani, aada isiile tokole keesa injirtani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee «Waandhi Sami'ii hujii keenna nuu raawwata; nullee garboonni isaa kaanee hojjanna, isin garuu Yerusaalemiin keessatti gayee, hiree, mirgaa fi yaadannoo hin qabdan» jedhee isaanii deebise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ani deebisee, «Waaqi ol-gubba'aa nu hin milkeessa; nuuti tajaajiltooti isaa kaanee ijaariisa hin jalqanna; isin ammoo Yerusaalem keessaa qooda yookiin waan nu'uuf te'a jettanu yookiin haqa dabarsi'ii hin qaddanu» jedheen.