Nehemiah 2:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle tatabe gara Asafu, namicha gudda badda hayyu eegule, naa kenni, aka inni mukha anini balbala mana jaba keesati Mana Waaqa eeganini mid'aasu naa kenne, ammalle mukha anini balbala Fullo naabo diraatifi mana keesati galanini jaarule. Waan Waaqi na woliini jirufi hayyichi waan anini fed'e ch'ufa naa kenne,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma nama Asaaf jedhamu ka bosona mootumma'aa eegu ta'eef akka inni balbala mana qulqullu'uutii fi balballan qachatti'ii maraaf, mana ani hara itti baafadhuufillee muka hindheessaatii fi birbirsaa ka manaan jabeessu'uuf ta'u xalayaan ajajaa ka akka muradhu eeyyamu akka naa kennamu gaafadhe; Rabbillee waan arjummaa ufiitiin na gargaareef mootichi waan ani gaafadhe maraa naa kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
karra dalleya Galma Waaqaatiif, balbala dalleya qacha'aatiif, mana ani keessa le'ulle'eef muka gugurdaa akka naa kennuuf, Asaafii gongomaa mootumma'aa eegulle'eef xalayaa barreessii ajaji» jedhe. Waaqi waan na woliin jiruuf, mootichi waan ani gaafadhe mara naa kenne.