Nehemiah 3:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aki naabo Yerusalemu mid'aasani jaarani kana. Qaallicha gudda Eliashibu jed'anifi qaaloleeni oboleyaani isaa fullo Hooliye jaarte eebifte balbala iti mid'aasite. Worri naabo suni haga doofi d'ibba toko jed'anifi doofi Hananeli ch'ufa eebise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gadichi guddaan Eeliyaaseeb, obboleewwan isaa gadoonnillee ka'anii dallawa «Balbala hoolotaa» jedhamu ijaaranii qulqulleessan. Balballanillee itti galchan; dallawallee haga ijaarsa «Marsaa dhibba» jedhamee waamamuu fi haga ijaarsa «Hanaani'eel» jedhamuutitti Rabbii woyyoomsan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba hayyichi guddaan Eliyaashiibii fi hayyooti isa woliin hujanu «Karra hoolotaa» ta jedhantu deebisanee ijaaranee, Waaqaaf adda baasanee cufanaa itti naqane; isaan haga xelleephoo dhaka'aa «Dhibba» jedhantuu fi haga xelleephoo Hanaani'eliititti Waaqaaf adda baasane.