Nehemiah 3:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Harunifi worri dira Zanoa Fullo Bale jaare, balbala fulluma qarati rare, siddoofi naqato balbalaani ch'ufaani mid'aase, naabole d'eerinna d'und'uma kuma toko jaare, balbala Huurati d'aabe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hanoonii fi namoonni Zaanowa'aallee balbala dhooqaa ijaaranii haarawoomsan. Balbalallee itti godhanii sibiila loosa'aatii fi furtuu itti tolchan; akkasuma haga hulee balbala waan badaa itti gataniititti dallawa ciqilee kuma tokkoo ijaaran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Karra dhooqaa» ta jedhantu, Hanuunii fi worra Zaano'aatitti deebisee ijaare; isaan haga karra, «Karra kosi'ii» jedhantuutitti meetira 440 deebisanee ijaaranee, cufanaa itti hujanee, danqaraa itti hujane.