Nehemiah 3:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Shalumu, ilmi kohoze, ka arda Mispa mohatu, Fullo maddo jaare, gubba duuche, balbalafi siddoofi naqato iti mid'aase. Haguma Haro Shiloa, ta oobru hayyuti aantu fuud'e, faano dira Dauditini gabuaniti d'aabe naabole jaare.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Shaaluum ilmi Kolhooze'ee bulchaan biyya Mitsipha'aa balbala burqa'aa ijaaree haarawoomsee cufe; Cufanaallee itti ijaaree loosa'aa fi furtuu itti tolchee haga hulee qachaa Daawitii ta biqiltoonni mootichaa jirtuu dallawa Sheela'aa ka bisaan itti kuufamu ijaare.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmi Kolhozee Shaalum, bulchaan aanaa Miispha'aa karra, «Karra maddaa» jedhantu deebisee ijaaree, gosee itti ijaaree, cufanaa itti hujee, danqaraa itti huje; inni dalleya baleessa shela'aa ka fichaa mootichaatitti aanu irraa, haga sadarkaa qachaa guddicha Daawitii ka irii gadi buusuutitti deebisee ijaare.