Nehemiah 3:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Benjaminifi Hashubuni worra suniti aanani, qooda maneeni worra dura jiru jaarani; Azaria, ilmi Maseya, ka ilma Anania, worrati aane, qooda isaa ka mana isaa dura jaare.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaaniin maayessa Biiniyaamii fi Asuub ka kolba mana isaaniitiin jiru ijaaran. Isaaniin maayessa Azaariyaasii ilma Maseeyaa Hannaaniya'aatitu kolba mana isaa biraan jiru deebisee ijaare.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Beeniyaaminii fi Hashub mana ifiitiin dura ka itti aanu deebisanee ijaarane; ilmi Ma'aseya'aa Azaariyaan, akaakoon Anaaniiyaa'aa ka cinaa mana ifii deebisee ijaare.