Nehemiah 4:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nyaapi keenna aka nu mala worraa beekanne d'agaye, akanaani aka Waaqi mala worra balleese arge. Duuba nuni ch'ufti deebine naabo jaarre.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan diintonni keenna nu irratti hojjachu'uuf wolii kakatan nu akka dhageennee fi isaanillee akka Rabbi marii isaanii duwwaa godhe hubatan. Nu marti keennaa gara ijaarsa keennaatii fi hujii keennaa deebine.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Diinoti keenna mala isaanii akka nuuti beenne dhage'anee, Waaqille yaada isaanii akka hongeesse yennaa hubatane, nuuti martinuu gara dalleya deebinnee ijaariisaa dachaane.