Nehemiah 4:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni jara isaatiifi askarti Samaria durati waan jed'e, Worri mumuyooni Yahudi kunini maani tahu jira? Worri dira kana ammalle jaaru fed'a? Worri waan sorio baasufi waan aruma huji tana hobaasu seha? Worri dandae huura gubani kana keesaa d'akhaa manaani jaarani inargata?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleewwan ufiitii fi loltoota Samaariya'aa afo'otti «Wonti worri Ayihuudi'ii dadhabaan kunniin hojjata'aaran maali'i? qachattii deebisanii ijaaru'uuf karoorfataniiranii? ciincaa dhiyeessu'uun hujii guyyaa tokkotti waan fixan isaanitti fakkaataa? ijaarsa diiggame keessaa dhagaa ijaarsaaf ta'u baasuu danda'anii? » jedhee uf jaju'uun dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni jaalota ifiitii fi loltoota Samaariya'aa duratti, «Yihudooti dadhabooti tun maan hujiisatti jiran? Isaan dalleya deebisanee hin ijaaranii? Isaan ciincaa dhikeessaaranii? Isaan guyyuma tokkotti hujanee fixaaranii? Isaan dhakaa gubatee caccabee tuulame kanaan akkuma inni jirutti deebisanee ittiin ijaaruu hin dande'anii?» jedhe.