Nehemiah 5:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganna kud'ani lamaani anini gudda lafa Yuda tahe kana ch'ufa, haguma ganna diddameeso ka Artashartani lafa mohate, haga ganna Sodomi lameeso ka mootuma isa, anaafi nami fiit'a tiyyaleeni taka waan sila anini argachu male insooranne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Arxeeksis mooyee woggaa diddameesso'ootitti akka ani biyya Yihuuda'aatitti bulchaa ta'u hennaa na ajaje irraa jalqabee haga bara mootichi mooyee woggaa soddomii lammeesso'ootitti woggaa kudha lamaaf anii fi obboleewwan tiyyallee dhalee mootichaa irraa hin nyaanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Artashaastaan woggaa diddameessoo isaatitti mootii te'ee, haga woggaa soddomii lammeessoo isaatitti, ani biyya Yihuda'aa bulchiisaaf filamee woggaa kudha lama bulche keessatti, anii fi worri kiyya sagalee bulchaa tokkoof malte hin nyaanne.