Nehemiah 5:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari duri na durati gudda lafa suni tahe ch'ufti biyya dabse, guyya ch'ufa qarsi afurtamatiifi daad'ifi sagale ira guurata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni anaan dura turan garuu banii irratti ba'aa guddaa ta'u'uun birrii afurtamaa ka dhiyanaa fi woyinii isaaniitiif ta'u isaan kaffalchiisa'aa turan; tajaajiltoonni worra bulchaniillee bani'itti uf jaja'aa gad isaan qaba'aa turan; ani garuu waan Rabbiin sodaadheef akkana hin goone.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bulchitooti anaan dura biyya bulchaa turane, ba'aa ulfaattuu kolba'atti fe'anee, sagale'ee fi daadhii woyni'ii irratti dabalanee, meetii sheeqelii afurtama fudhataa turane. Tajaajiltooti isaaniituu kolbaa irratti goottomanee turane. Ani ammoo Waaqa waan sodaadhuuf, akkas hin goone.