Nehemiah 5:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jed'e, Qara haga dandeennu oboleyaani teenna ta Yahudi, ta nyaapati ufi gurgurte, hori baamne deebimne, ammo isani amma tana, oboleyaani teesani dabsitani yo, worra isaniti ufi gurguru bitattani! Jaaroleeni taani waan jettu d'abde, akanumati afaani qabate teteete.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee, « Nu'u obboleewwan keenna ka Yihuudi'ii ka worra Yihuudii hin taanetti gurguraman fedhuma keennaan furre; isin hoo obboleewwan teessan gurgurattanii? isaan hoo nutti gurguramanii?» isaaniin jedhe. Isaan garuu waan deebisan waan dhabaniif hin cadhisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Nuuti haga dandeennetti, worra keenna Yihudoota ka gosa dhibi'itti gurguramane wodiisatti jirra; amma ammoo isin worrummaan keessan garba te'anee akka isinitti gurguramanu hunnaan godhiisatti jirtan!» isaaniin jedhe. Isaan waan jedhanu dhabanee cadhisane.