Nehemiah 6:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi anini kae mana Shemaya, ilma Delaya, ka ilma Mehetabeli, ka dandae mana ufi keesaa imbaane d'aqe. Jennaani inni waan nani jed'e, Anaafi sii yaane, Mana Waaqa keesati d'okhanne balbala ch'umna, wonti akanatiifi worri halkaniini d'ufe si ijeesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani hennaa san gara mana Shamaayaa ilma Dillaayaa Mahexaabi'eelii ka akka mana ufii keessaa hin baane taasifamee dhaqe; Inni, «Halkaniin si ajjeesu'uuf waan dhufaniif anii fi ati mana woyyuu Rabbii keessa seennee balballan cufannee haa dhokannuu» naan jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafa tokko ani gara mana Shemaa'iyaa ilma Dalaa'iyaa akaakoo Mahexaabelii ka manni itti cufameeruu dhaqe; innille, «Namooti halkaniin si ijjeesiisaaf waan dhufaaranuuf, anii fi ati dhandhee Galma Waaqaa keessatti, balbala cufannee dhokannuu ti» naan jedhe.