Nehemiah 7:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan worraani jed'e Balbala Yerusalemu tokole imbanina, haga aduuni gubba d'uftuti. Ammalle haga nami dira eegu ch'ufti achi jiru balbala naqatooni ch'ufa. Ammalle worra Yerusalemu keesaa nama fohad'a, nama ch'ufa huji inni hojatu iti qooda, d'aatu mana isaani taanaani, yokhaani fulla d'ibile taanaani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee haga aduun oo'itutti balballan Yerusaalemii akka hin banamne, uduma isaan dhaabatan balballan loosa'aan haa cufanii; namoota Yerusaalemii keessaa gari garii kore kore'een mara isaaniituu kolba manniin isaaniitiin, «Worra eegu kaayaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Anille, «Barii haga aduun o'itutti karri Yerusaalemii akka hin bananne, galgala worri karra eegu adoo hin galin dura karra cufee akka danqaru, akkasuma Worra Yerusaalem keessa le'u keessaa eeddota filanee, gariin addee eegamuu malte akka eeganu, gariin adaaluma mana ifii akka eeganu fila'a» jedhee isaan ajaje.