Nehemiah 7:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi herega kana garaa keesa na kaye, anini biyyaafi jaaroleefi worra gugurda wolti yaame, d'aloota worra gula maqa worraa t'aafe. Anini kitaaba keesa barbaade, maqa worra qara eegi boojiani gale, arge:
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waandhi kiyya worra jajjabaa'a, worra baallii qabanii fi baniillee wolitti qabee akka laakkayu na taasise; namoota dursanii dhufan galmee ragaa fiixaa isaanii argadhe. Isa keessatti ka akkana jedhanii barreessaniiran arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi akka ani qondaaltotaa fi bulchitoota, kolbaalle wolitti qabee akka hidda dhaloota isaaniititti galmeessu na kakkaase; ani galmee hiddi dhaloota worra qara booji'amee deebi'ee irra jiru dhagge; ani barreeffama asiin gad jiru keessatti dhagge: