Nehemiah 8:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato jii torbeeso ingahiini nami Israeli ch'ufti dira ufiitini bahe iti qubate. Guyya qara ka jia torbeeso worri ch'ufti Yerusalemu keesa fulla Fullo Bisaaniti wolti bahe. Duuba qaallicha Ezra jed'ani, ka waan Seera Waaqa, ka AABBO Waaqi Musani worra Israeliiti kenne, beekhu yaamani, Kitaaba Seera nuu fuud'i jed'aniini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin Israa'elii ji'a torbeesso'oo qachaa ufii keessa jiraachuu fixatan; ji'uma san keessa guyyaa jalqabaatitti baniin maruu Yerusaalemiin keessatti hulee itti gad bayan ka balbala bisaanii jedhamu afo'otti akka nama tokkootitti wol gayan. Isaan akka Izraan beekaan seeraa kitaaba seeraa ka Rabbi karaa Muuse'eetiin banii Israa'eliitii kenne haa isaanii fidu'uuf kadhataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Israa'elii martinuu ji'a torbeesso'oo qachoota ifiititti qubatte; ji'a san guyyaa qaraa kolbaan duudiin Yerusaalemitti karra «Karra bisaanii» jedhamu fuula duratti gara keessaatitti tokkumma'aan wolitti qabante; isaanille Izraa barreessaa kitaabaa, «Kitaaba Seera Muuse'ee ka Waaqi kolbaa Israa'eliitiif kenne fidi!» jedhanee gaafatane.