Nehemiah 8:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Seera AABBO Waaqi Musani namaa kenne keesati, aka jia torbeeso keesa worri Israeli hoosati gale jila tolfatu, argani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ji'a torbeesso'ootitti ayyaana ayyaanteeffachu'uuf akka ijoolleen Israa'elii daasee keessa teettu, gara qachoota isaanii, gara Yerusaalemiitii fi gara gaaraa dhaqa'aatii dhadhaa ejersaa, damee ejersa gammoojji'ii, damee muka baarsaannati jedhamuu fi damee meexxi'ii ka lalise fidaa'a; akkuma barreeffametti daasee ijaaraa'a» jedha'aa labsa'aa akka himan ka jedhu kitaaba seeraa ka Rabbi Muuse'etti kenne keessatti ka barreeffameeru argan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaanille ajaja Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kenne keessatti, «Ji'a torbeesso'oo keessa yennaa jila gose'ee jilifatanu, kolbaan Israa'elii gosee keessa teetuu ti!» jedhu, Seera keessatti bareeffameeruun dhaggane.