Nehemiah 8:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Haguma jila qarati iti keeyatani guyya hobaati jilati d'aabani, Seera suni ch'ufa biyyaa soomani. Guyya torba jila tolfatani, guyya saddeeteeso, akuma Seeri jed'u wolti bahani jila suni hobaasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa jalqabaatii jalqabee haga guyyaa dhumaa guyyama guyya'aan kitaaba seera Rabbii dubbisa'aa ture. Haga guyyaa torbaa ayyaana ayyaanteeffatanii guyyaa saddeetesso'oo akkuma seera isaaniititti wol gayii woyyuu godhatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Izraan guyyaa duraatii jalqabee haga guyyaa muummeffata jilaatitti, guyyuma guyya'aan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise; isaan jila san haga guyyaa torbaa jilifatane; akkuma Seerri ajajutti guyyaa saddeetesso'oo aadaan muummeffata jilaa godhame.