Nehemiah 8:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba achiti Fulla Fullo Bisaani, ta biyyiti woltibaateti, inni Seera haguma ganama iti keeyate guyya guddati d'aabe worraa soome, nami ch'ufti aka dansa qalbi tokooni ch'aqase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Balbala bisaanii ka hulee itti gad bayan jiru bira dhaabatee akka dhiirrinii fi dubartoonni dhagayuu danda'anitti ganama irraa jalqabee haga waare'ee kitaaba seeraa dubbise; baniinillee dubbii kitaaba seeraa dhagaya'aa turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni gara gumii karra bisaanii fuula dura jirtuu garagalee, dhiiraa fi dubartii, akkasuma worra wo hubatuu dande'u duratti ganamaa haga orra'aa, qoonqoo guddo'oon dubbise; kolbaan duudiin Kitaaba Seeraa san akka dansaa dhageette.