Nehemiah 8:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ezrani waan mukhaani mid'aasani, ka guyya suni jed'ani jaarani, gubba eja. Jari kuninileeni mirga isa ejaanja: Matithia, Shema, Anaya, Uria, Hilkia, Maaseya; jari kunileeni bita isaa ejaanja: Pedaya, Misaeli, Malkia, Hashumu, Hashbadani, Zekaria, Meshulamu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Izraan barreessaan muka irra dhaabatanii dubbatan ka waan kanaaf hojjatame irra dhaabatee ture hennaa san worri gara mirgaatiin dhaabatan Matiitiyaa, Shimaa'i, Aanaayaa, Ooriyoo, Keliqiyaas, Ma'iseeyaa; worri gara bita'aatiin dhaabatan Faddaayaa, Misaa'el, Malkiyaa, Hasuum, Hashibadaanaa, Zakkaariyaasii fi Meesulaam fa'a turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Izraan barreessaan kitaabaa waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta mukaa, guyyaa haajaa akkasii kanaaf irra dhaabbatiisaaf hujante irra dhaabbate; gara harka isaa middaatiin Matiitiyaan, Shemaan, Anaayaan, Uriiyaan, Hilqiiyaanii fi Ma'aseyaan, gara harka isaa bita'aatille'een Phedaayaan, Miishaa'el, Malkiiyaan, Hashum, Haashabadaanaan, Zakaariyaasii fi Meshulaam isa cinaa dhaabbataneeran.