Nehemiah 8:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti waan Seeri jed'u d'ageennaani laalefate boote. Duuba namicha gudda Nehemia jed'anifi, qaallicha Ezra jed'ani, ka waan Seera beekhufi, worri Lawi ka dubbi Seera Waaqa nama barsiisu waan biyyaani jed'ani, guyyaani kunini AABBO Waaqa keesani guyya qulqullo, tanaafi lalefattani imbohina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbii seeraa hennaa dhagayan baniin waan booyaniif bulchaan biyyaa Nahimiyaan, Izraan gadichi beekaan seeraatii fi Leewwonni banii barsiisa'aa turan, «Guyyaan kun Rabbii Waaqa keennaaf ka woyyoome waan ta'eef hin gaddinaa'a; hin booyinaa'a» isaaniin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan duudiin waan Seerri jedhu yennaa dhageette waan bootteef, Nahimiyaan bulchaan biyyaa, Izraan hayyichi barsiisaan kitaaba seeraatii fi Lewwooti worri seera hiikanee kolbaa barsiisane, «Guyyaan kun Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyicha waan te'eef, isin hin gaddina'a, hin bowna'a!» jedhanee isaan duudi'itti himane.