Nehemiah 9:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri lafa Kanaani dabsate, atinileeni gosa lafa suni keesa teetu harka worrati kennite. Atini gumi tante irre worri gosafi hayyoota Kanaani waan fed'uni tolchu kenniteefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoolleen isaaniillee lafa san itti galtee dhaalte worra Kana'aanii ka biyya san keessa jiraatan isaan afo'otti salphifte. akka fedhan haa isaan godhani'iif worra san mootota isaaniitii fi worra Yihuudii hin taane ka biyya san keessa jiraatan dabarsitee isaanii kennite.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ijoolleen isaaniille lafa Kana'aanii injifatanee qabatane; ati kolbaa achi keessa leetu mootota isaaniitii fi worra biyya sanii woliin akka fedhane akka isaan godhanuuf, harka isaanii keessa galchite.