Nehemiah 9:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kanke dira jajabaafi lafa dadansaafi maneeni miha dansa qabdufi haroole qara qotanifi mukeeni ejersatifi mukeeni mid'aanitifi, zabibule boojie. Waan fed'ani ch'ufa sooratani gabbatanini, waan dansa atini kenniteefi ch'ufa iraa gammadani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachoota dallawa dhaga'aa qabdu, lafa gabbattuu michuu, manniin waan mishaa uf keessaa qabu, boolla qotame ka bisaanii, hulee woyini'ii, mukkiin ejersaatii fi mukkiin hedduu, ka daraaraa isaa nyaatan dhaalan; Nyaatanii quufanii, furdatanii, mishooma kee gudda'atti gammadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan qachoota gugurdaa ka dalleya dhaka'aa qabuu fi lafa laattuu, mana meya dadansa'aan guutamane, boolla bisaanii ta qotanteertu, addee woyni'iitii fi muka ejersaa, akkasuma mukoota midhaanii hedduu qabatane. Maarre isaan nyaatanee quufanee gabbatanee, waan dadansaa guddoo ati isaanii kennitetti gammadane.