Nehemiah 9:27 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
tanaafi atini harka nyaapati worra kennite, akasiini nyaapi suni worra mohate. Gaargala ufi keesati worri qarqaarsa si kad'ate, atileeni gubbati worra ch'aqafte. Naasu tante guddooni atini nama harka nyaapa keesa worra baasu ergite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu ati dabarsitee diintota isaaniitiif isaan kennite, isaanillee isaan rakkisan; hennaa guddisanii rakkatan sitti iyyatan, Atillee Sami'ii isaanii dhageette. Ati waan guddiftee namaa dhiiftuuf bulchoota diintota isaanii jalaa isaan oolchan isaanii kennite.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf harka diinota isaanii, worra isaan rakkisetti dabarsitee isaan kennitee, isaan yennaa rakkatane sitti iyyane; ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhageettee, marartii teeti guddo'oon, harka diinota isaanii keessaa worra isaan baasu sooreyyii isaaniif kennite.