Nehemiah 9:29 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini, barsiisa tiyya ch'aqasa jette worra gorsite, ammo worri kiyyibe Seera kanke, ka nami jiraatuni, guutu dide. Worri kiyyibe mata d'aabe si jalaa dide.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka isaan gara seera keetii deebi'aniif isaan gorsite. Isaan garuu uf jajan, seera keellee hin raawwanne. murtii qajeelaa namni ittiin jiraatu irratti ka'anii yakka hojjatan, seera kee dudda itti kennan, lum'a jabaatan, si hin dhageenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Gara Seera keetii akka deebi'anuuf, ati isaan gorsiteerta. Isaan kooranee seera keeti didane; waan si duratti sirrii te'e ka nami eegatee ittiin le'u irratti ka'anee cubbuu hujane. Mataa jabaatanee dudda sitti galanee morma jabeeffatanee, dhage'iisa didane.