Nehemiah 9:32 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee Waaqa, Waaqa keenna, guddinni kanke waan akami! Jabeenni kanke akami nama naasise nama mudamsiisa! Atini kara d'ugaatini kakhu duri nu kakhate ch'ufa guuta. Haguma duri bara hayyooti Ashuru nu dabsite haga arrale, nu akasuma gaargala qamna! Hayyootafi jaaroleefi qaaloleefi raagootafi ababootafi gumiini teennaleeni ch'ufti la guddo gaargalte; gaargala keenna gudda suni qaabad'i!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ammallee Waaqa keenna! Ati Waaqa waadaa namaa galte eeddu, Waaqa gudda'aa fi sodaatamaa'a, bara mootota Asoorii irraa jalqabee haga adhaa rakkoo nu'uu fi mootota keenna, bulchoota keenna, gadoota keenna, raattota teenna, abboota teennaa fi banii kee maraa irra gaye akka waan diqqa'aatitti hin laalin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Tanaaf amma, Waaqa keenna, ati gudda'a! Ati attam hunnaamessaa fi sodaatama'a! Ati Gondooro'oo fi jaalala keeti ka bara baraa ka eeddu! Rakkinna bara mootota Asooriitii jalqabee haga adhaalle nu irra, mootota teenna irra, qondaaltota teenna irra, hayyoota teenna irra, raagota teenna irra, abbootii teennaa fi kolbaa teeti mara irra geye qaabadhu!