Nehemiah 9:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan jaarani, ka worri Lawi ira ejaanjuti jira, waan suni ira Yeshuafi Kadrielifi Banifi Shebaniafi Sherebiafi Bunifi Banifi Kenaaniti ejaanje lalabe AABBO Waaqa isaani kad'ata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Leewwotaa Iyyaasuu, Baanii, Qadimi'eel, Sabaniyaa, Bunii, Sarraabiyaa, Baani'ii fi Kinaanillee waan irra dhaabatamu gubbaa dhaabatanii laagaa gudda'aan gara Rabbii Waaqa ufii iyyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Iyaasuun, Baani, Qadmii'el, Shebaniyaan, Buni, Sherebiiyaan, Baanii fi Kenaan fa'a, yaabbannoo worri Lewwootaa irra bayanu irra dhaabbatanee, qoonqoo guddo'oon gara Mootii Waan Maraa Waaqa ifii daadimatane.