Nehemiah 9:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanniin maraan maayessa baniin Israa'elii, «Sima calla'atu Rabbi; Samii, Samii Samii gubba'aatii fi duula isaanii maraa, lafaa fi waan lafa irra jiru maraa, galaanaa fi waan galaana keessa jiru maraa uumteerta; maraa jiraachifteerta, duultonni Sami'ii maruu sii sagadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba kolbaan Israa'elii, «Ee Mootii Waan Maraa! Mootiin Waan Maraa si qofa. Ol-gubbaa, ol-gubbaa ol-gubbootaalle dada isaan keessaa woliin, lafaa fi waan isii irra jiru duudii, abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii sittuu dade. Ati isaan duudi'iifuu jiruu kennite; dadi ol-gubba'aa si'iif sagaddi.