Nehemiah 9:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini aka inni si sodaatu agarte wold'aqisa isa woliini tolfate. Atini isati kakhate, lafa Kanaanitiifi ta Hititifi ta Amoritifi ta Perizitiifi ta Yebusitifi ta Gergishile, siifi d'aloota keeti keenna jetteeni. Waan atini abba d'ugaatifi, kakhu tante guute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
maqaa isaa «Abrahaam» jetteen. Garaan isaa si afo'otti amanamaa akka ta'e argitee lafa Kana'aanii, Keexotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Iyyaabusootaatii fi lafa worra Gergesenootaa isaa fi fiixaa isaatii kennu'uuf waadaa galteef, Ati waan qajeelaa taateef dubbii ufii dubbatte raawwatte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma inni si'iif addatamaa akka te'e dhaggitee, biyya kana'aanotaa, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Yibusootaatii fi Girgaashotaa isaa fi sanyii isaatiif kenniisaaf waadaa galte. Ati qajeelaa waan teeteef, waadaa galte isaaf muummessite.