Numbers 1:50 — Compare Translations

2 translations compared side by side

Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu worra Leewwotaa meeshaa hulee bulti'ii hulee saanduuqa raga'aa waan ijoollee Israa'eliitiif ta'u maraa afoo isaanii dhaabi; worri Leewwotaa hulee bulti'iitiif meeshaa maraa haa baadhatanii; haa tajaajilanii; naannaya daasee wol gayi'iititti haa quphatanii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaa mannaa, worra Lewwootaa dunkaanii dhugaa bayaa ta ani itti waaqonfamuu fi meya isii keessaa, waan isi'ii mara irratti itti gaafatantoota isaan godhi. Isaan isi'ii fi meya isi'ii mara ba'atanuu ti; isii keessa tajaajilaa, adaala isi'ii qubatanuu ti.